Xiinjiree
Xinjiree ykn Baayoloojiin saayinsii waa’ee lubbu-qabeeyyii adda addaa qo’atu dha. Xiinjirituun namoota waa’ee lubbu-qabeeyyii qo’atanii dha. Lubbu-qabeeyyiin micirjirtoonni baay’ee xixiqqoo kanneenakka baakteeriyaa irraa hanga micirjirtoonni baay’eeguddaa kanneen akka weeliitti jiru
Dameewwan Baayoloojii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Damee Xiinjiree Afaan Ingiliziin | Damee Xiinjiree Afaan Oromoon | Ibsa |
---|---|---|
Anatomy | Hirqaama | Qo'annoo caasaa fi gurmaa’ina micirjirtootaa. |
Biochemistry | Keemistrii lubbuu | Adeemsa keemikaalaa lubbu qabeeyyii keessaa fi isaan waliin walqabatu ni qorata. |
Biogeography | Lafxii jiree | Raabsa sanyiiwwanii fi sirnannoo naannoo teessuma lafaa keessatti qorata. |
Biophysics | Fiiziksii lubbuu | Sirna baayoloojii hubachuuf seera bu’uuraa fiiziksii hojiirra ni oolchuudha. |
Botany | Xiinbiqila ykn bamnooqila | Waa’ee biqiltootaa kan qo’atu dha |
Cytology | Qor-lubbiyyoo | Waa’ee caasaalee fi dalagaalee seelii kan qo’atu dha |
Dermatology | Xiingogaa | qo'annoo gogaa fi dhukkuboota isaa |
Ecology | Xiinaannoo | Hariiroo bineeldonnii fi biqiltoonni naannoo isaanii waliin qaban kan qo’atudha. |
Entomology | Qor-ilbiisa | Waa’ee ilbiisootaa kan qo’atu dha |
Ethology | Qo'annoo amalneefka | Amala bineensotaa naannoo uumamaa keessatti qorata. |
Evolution | Jijjiirama suutawaa | adeemsa sanyiin lubbu-qabeeyyii hundi garee sanyii lubbu-qabeeyyii jalqaba lafarratti uumaman iirraa ka'uun walirraa uumamaa deemanii dha. |
Genetics | Xiindhaala | waa’ee dhaalmayaafi garaagarummaa micirjirtoota gidduu jiru qo’atuu dha |
Hematology | Xiindhiiga | qo'annoo dhibee dhiigaa fi dhiigaa |
Immunology | Qor-madinummaa | Sirna ittisa qaamaa fi deebii inni wantoota alagaa irratti kennu qorata. |
Microbiology | Xiinimii | waa'ee micirjirtoota maaykirooskoopii kanneen akka baakteeriyaa, vaayirasii fi fangasii qorata. |
Neuroscience | Xiinribee | waa'ee Caasaa fi dalagaa sirna ribee ykn aarsituu qorata. |
Ornithology | Xiinallaattii | Waa'ee allaattii qo'ata |
Paleontology | dhakkalxii | |
Parasitology | Qorkankareettii(Xiimmaxxantuu) | Waa'ee micirjirtoota micirjirtii (keessummeessituu) biraa irratti ykn keessa jiraataniifi baasii keessummeessituutiin fayyadamoo ta’an qorata. |
Pharmacology | Xiinqorichaa | dhiibbaa fi mala qorichi sirna baayoloojii irratti qabu qorata. |
Physiology | Xiinqaama | Dalagaa qaama lubbuu qabeeyyii kan qo’atu dha |
Taxonomy | Ramaddamee | Waa’ee ramaddii micirjirtootaa kan qo’atu dha |
Zology | Xiinneefka | Waa’ee bineeldotaa kan qo’atu dha |
Ka’umsa Jecha “Baayooloojii” jedhu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Jechi baayoloojii jedhu osoo hin madaqfamin dura jechoonni biroo qorannoo biqiltootaa fi bineensotaa ibsan turan. Fakkeenyaaf, jechi Seenaa Uumamaa jedhu bineensota, biqiltoota, fangasii fi bifa lubbu qabeeyyii biroo naannoo uumamaa isaanii keessa jiran ibsuuf itti fayyadamaa ture.Kana malees, dirree qorannoo yaalii osoo hin taane kan ilaalchaa ture. Kanaaf, namni seenaa uumamaa qoratu hayyuu seenaa uumamaa ykn ogeessa uumamaa jedhamee waama. Jechoonni biroo baayoloojii dura dhufan Xiinamantaa Uumamaa fi falaasama Uumamaa kan dabalatu ture.Jechi “Biology”, hiika ammayyaatiin, Michael Christoph Hanow bara 1766 ibsame. Haa ta’u malee, of danda’ee yeroo afur dabalataan hojiiwwan Thomas Beddoes (1799), Karl Friedrich Burdach (1800), Gottfried tiin jalqabame Reinhold Treviranus (1802) fi Jean-Baptiste Lamarck (1802) jedhaman.