Haareffama

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 23

BOQONNAA TOKKO

. HAAREFFAMA
Haareffamni maali
Haareffamni
- Jireenya duraa dagachuun jireenya haaraa jiraachuu,
- Shaakala waan qajeelaa ta'e isa boodaan dhufuuti.
Haareffamni akkuma meeshaalee tokko tokko kan akka konkolaatafi kkf haareffamni barbaachisu
jireenya dhala namaa kanaaf haareffamni karaa garaa garaa in barbaachisa. Dhalli namaa kan inni
keessatti of ilaalee jireenyisaa haareffamni akka barbaachisu kan inni keessatti of argu hafuura
qulqulluudha.
(Isa 6 )
4 Sagalee walitti lallabuu isaanii irraa kan ka'es hundeen buusaa
balbalaa in socho'e; aarris manicha qulqullummaa keessa in guute.
5 Yommus ani, "Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota
arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef, iji koos
Waaqayyoon mootii maccaa waan argeef nan bade!" jedhee nan iyye .
Hafuurri qulqulluu jireenya keenya guyyaa hundumaa to'achuudhaan maal akka fakkaannu nutti
agarsiisa. Namni hafuura qulqulluudhaan cepha'ame garagalee ofiisaa ilaaluudhaan haareffamni
akka isa barbaachisu murteessuu qaba.

Gosoota haareffamaa
 .Haareffama jireenyaa
Jireenya haareffame kan jennu jireenya Yesuusitti amanuudhaan
namummmaa isa kan addaamummaa ofirraa baasee namummaa isa kan
kiristoos uffatee kan jiraatuudha.
★Addaamummaan bakka mijataa ykn iddoo dhaabaa Waaqayyoo keessaa
kan gad baase yoo ta'u kiristoos garuu jireenya barabaraatti nu deebise.
★ Addaamummaan abboommii Waaqayyoo dhagahuurra gorsa seexanaa
duukaa bu'ee firdii du'aa kan fide yoo ta'u kiristoos abboommii Waaqayyoo
hojiirra hoolchee hojii seexanaa diiguudhaan firdii du'aa jalaa birmaduu nu
baase.
Akkuma wayyaan dhaqna keenyatti uffannu kun qaama keenyarraa
bareedee ykn fokkisee mul'atu nama haareffamni jireenyasaaf ta'es
Yesuustu ifee irraa muldhata.Jireenyi haaraan kan inni mul'atu jijjiirama
keessoo ( ija hojii hafuuraa) isa inni guyyaa guyyaatti agarsiisaa hooluuni.
Ijji hafuuraa inni nurraa mul'achuu qabu kun qajeelaa ta'uuf ykn nama
qulqulluu ta'uuf ykn ittiin fayyuuf osoo hin taane waan fayyineef kanurraa
ifaa deemuudha.
2Qor 5:
16 Egaa nuyi ammaa jalqabnee, eenyuun illee akka alaan ilaalamutti
hedanna miti; Kristosin iyyuu akka alaan ilaalamutti hedanne yoo ta'e,
si'achi akkasitti isa hin hedannu.
17 Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni
moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera.
18 Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa
ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf
kenne.
Jireenya haaraa ykn haareffama jireenyaati jennee kan nuti hubachuu qabnu qabxiilee
muraasti kanneen armaan gadiiti.
Akka malee jiraachuurraa deebi'uu
Biyya lafaarraattis ta'ee waaqarratti jireenyi nuti jiraannu hundinuu akka
qaba. Akka jiraachuu qabnuun alatti gaafa jiraachuu shaakallu akka malee
jiaachuu jedhama.“Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka
warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa!”
— Efe. 5:15
☆Nyaachuun akka qaba:-Namaa namatti, sabaa sabatti , biyyaa biyyatti
aadaadhaanis ta'u kan biraan nyaanni nyaatamu akka qaba. Foonii fi dhiiga
gooftaa fudhachuun akka qaba. Akkuma jireenya akka malee jiraataa turaniin
dhufanii maaliif akka fudhatamu osoo gargar hin baasin hin fudhatamu.
☆Dhuguun akka qaba:- Waanti hoo'aan akka waan qorraatti hin dhugamu.
Waan qorraa dheebuuf yoo dhugan waan hoo'aan garuu kanaaf hin ta'u.
☆Uffachuun akka qaba . Akkuma aadaan naannoo garaagaraa garaagar
ta'e haalli uffannaa keenyaa akka garaagaraati. Uffanni uffatamu bakkii fii
yeroon isaa gargar bahee ta'uutu irra jira. Fkn bakka cidhaatti uffanni gaddaa
hin uffatamu.
Mat. 22
¹¹ "Kana booddee mootichi keessummoota isaa ilaaluudhaaf ol galee,
nama uffata cidhaa hin uffatin tokko arge.
¹² Namichaan immoo, 'Namicho! Uffata cidhaa malee attamitti asitti ol
lixe?' jedhe'; namichis waan dubbatu dhabe.
¹³ Yommus mootichi warra achi keessaa ergamaniin, 'Harka isaa fi miilla
isaa hidhaatii, dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u
ilkaanis in qaru' jedhe. Akkasumas bakka gaddaatti uffata cidhaa uffatanii
dhaquunis hin bareedu. Akkuma kana uffanni nuti uffannu uffannaa
obboleessa ykn obboleettii keenya gufachiisu ta'uun irra hin jiraatu. Bara
hamma keessa jiru kana keessa wayyaa aadaa waldaa kiristaanaatiin wal
fallessu yeroon uffatanii waldaa kiristaanaatti argamantu baay'inaan mul'ata.
Bara keenya keessa wayyaa golatti uffatamu yeroo gabaa keessatti uffatamu
argina. Wayyaa abbaan manaafi hati manaa waliisaanii qofti wal biratti uffatan
walga'ii keessatti yeroo uffatan argina. Kun ammayyummaa osoo hin taane
maraattumaa dha. Wayyaan aadaa waldaa kiristyanaan wal faallessu kan
jennu kun wayyaa andaara qaama saalaa mul'isu uffatanii deemuun yeroo itti
aadaa biyyaa fi aadaa mana amantaa itti fakkaateedha. Akkasumas
eenyummaa keenya isa Waaqayyo nama kaaniin dhiira kaanimmoo dhalaa
taasisee uume jibbuudhaan dhalaan uffannaa dhiiraa dhiirris uffannaa dhalaa
uffachuudhaan eenyummasaa jijjiirrachuu yeroo itti hawwurra geenyee jirra.
“Uffata dhiiraa dubartiin hin uffatin! Uffata dubartii dhiirri hin
uffatin! Eenyumti illee wanta akkasii yoo godhe Waaqayyo gooftaa
kee biratti ciigga'amaa in ta'a.”
Kes. 22:5

Bau. 28
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Aaron obbooleessa keetiif ulfinaa fi simboo akka ta'uufitti uffata
qulqullaa'aa hojjedhuuf!
³ Namoonni hafuura ogummaa na biraa argatanii harka-tolina qaban,
Aaron hojii lubummaa isa kan kootiif addaan akka baafamutti, uffata
isaaf akka hojjetaniif itti himi!

☆Waaqeffachhuun akka qaba.


Akki Waaeffannaa keenyaa dhugaadhaafii hafuuraan ta'uutu irra jira. Mana
ykn bakka itti waaqayyo waaqeffamu dhaqxee miira waaqeffannaatiin alatti
miira biyya lafaa fi amala biyya lafaa calaqqisiisuun akka maleedha.
☆Faarfachuun akka qaba
☆Lallabuun akka qaba
☆Kennuun akka qaba
☆Fudhachuun akka qaba
☆Dhaaluun akka qaba
☆Dhaalchisuun akka qaba
Waan hojjennu hundumaatti waan akka itti hojjetamu hin beekne gaafa
hojjennu akka ta'utti hojjechuu dhiisuu dandeenya. Kanaaf akkamaleet
uumama. Gubbaatti waanti hundi akka qaba jennee ilaallee akkuma turre
dhaaluufi dhaalchisuun akka qabaachuusaa caqasnee turre.
Luqqisii kanaa gaditti caqafame keessaatti
 dhaala akka malee-
 jireenya akka malee
 rakkina akka malee argina.
luqqisichi Luq 15:11
 Dhaala akka malee
Dhaalli akka macaafa qulqulluu keenyaatti akka aadaa biyya keenyaafii akka
kan warra Yihudootaattis du'a booda dhaalama. Kutaa kanaa gadii keessatti
gurbaa yeroo malee dhaala gaafatu argina. Dhaalli akka macaafa qulqulluutti
du'a booda akka dhaalamu gubbaatti akkuma caqasne, gurbaan inni kun
garuu yeroo gaaffiin dhaalaa gaafatamuu hin qabnetti, yeroo inni gaaffii
dhaalaa gaafatu argina.
Yesuus waan ofiif qaba ture sana isa warra isatti amananii
qulqullaa'aniiin abdachiise ijoolleesaaf kennuu jaallateera. Waanti Yesuus
ijoolleesaaf kennuu jaallate inni angafaa jireenya barabaraati. Wangeela
Yohaannis 3:16 irratti Waaqayyo tokkicha ilmasaa amma kennuufitti
biyya lafaa jaallate isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa
haa qabaatuuf malee haa baduuf miti kan jedhu ture. Akka caqasa
kanaatti warra isatti amananiif kan kenname jireenya barabaraati.
Jireenyichatti nu deebisuuf Yesuus ofiisaatiif du'atti of kenne. Yesuus erga
fannoorratti olbahee raawwatameera jechuusaatiin waan karaa seeraa
nurraa barbaadamu guutummaa baatee ofiif lubbuu laatee lubbuu keenya
du'a harkaa fuudhe. Dhaala gati jabeessa nu dhaalchisuuf aarsaa gati
jabeessa hamma lubbuu kennuutti nuuf kanfale. Lubbuu kennuuf kan
dirqisiise inni guddaan dhaamsi dhaalaa du'a booda waan
raawwatamuufi. Egaa Yesuus kan inni nuuf laate jireenya du'a boodaa
isa qulqullootaaf kaa'ameedha. Innis du'ee du'aa ka'uu Yesuus booda
mirkanaa'e.
(Ibr 9 )
16 Dhaamsi dhaalaa hojii irra ooluun yeroo ga'utti, namichi inni dhaala
dhaameef sun akka du'e beekamuun irra jira.
17 Dhaamsi dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e duwwaa hojii
irra oola malee, utuu inni fayyaatti jiruu hojii irra ooluu hin danda'u..
Kanaafuu gurbaan w. Luq 15:11 irratti arginu kan qabeenya abbaasaa
fudhate mana abbaasaatii bade kun dhaala akka malee fudhatee manaa
bahe.
(Luq 15 )
11 Gaaf tokko immoo Yesus "Namni tokko ilmaan lama qaba ture.
12 Inni quxisuun abbaa isaatiin, 'Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa
kan na ga'u hirmaata koo naa kenni!' jennaan abbaan isaanii waan qabu
hundumaa ilmaan isaa lamaaniif hire,
Dhaalli inni fudhate kun dhaala eebbifamaa waan hin taaneef jireenya
akka malee jiraachuudhaaf isa saaxile.
 Jireenya akka malee
Jireenyi akka malee seermaleessummaa fida . Seermaleessummaan ija
hojii fooniiti. Ijji hojii foonii ija nama fayyerraa mul'atu osoo hin taane hojii
namni hin fayyin hojjetuudha. Amanaan tokko waantonni inni irraa fayyuu
qabu keessaa tokko cubbudha. Cubbuun bu'aa seermaleessummaati.
Seermaleessummaa kan jedhaman akka malee jiraachuudha.
Gurbaan qabeenya abbaasaarraa fudhatee bade kun qabeenya
abbaasaarraa fudhate gaallamootaa waliin jiraachuudhaan of harkaa
bittimse. Yoh 15:13 Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni
quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee
biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa
hundumaa akkasumaan bittimse.

Gaallamootummaa:- Gaalamootummaan fuula Waaqayyoo duratti


waan cigaa'amaadha. Gaalamootummaan ejja. Ejja jechuun abbaa manaa
ykn haadha manaa ofii malee kan biraa waliin seexualii walitti
maxxanuudha. Akkasumas Waaqolii tolfamoo bakka Waaqayyoo buusanii
itti sagaduudha. Akkuma namni fooniin abbaa manaasaatti ykn haadha
manaasaa qofatti maxxanu qabu; amanaan tokko jireenya hafuurasaan
Waaqayyoon qofatti maxxanuu qaba. Waaqayyo ofbukkeetti waaqa ta'ee
kan waaqeffamu kamuu hin jaallatu. Abboommiin kurnan keessaa inni
jalqabaa “"Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin
qabaatin!” Bau. 20:3 kan jedhu ture. Kanaaf namni Waaqayyoon biratti
waaqolii biraa waaqessu kamuu in ejja jedhama. Waaqoliin kun
gaalamootaa jedhamu. Akkuma kana namni abbaa manaasaa ykn haadha
manaasaa malee kan biraa waliin jiraatu kamuu galamootummaatti nama
jiraatu jedhama. Jireenyi kiristaanummaa akka kiyyoo qurxummiiti.
Kiyyeesituun kan inni barbaacha kiyyoo darbatuuf qurxummii qofa
qabachuudhaafi. Garuu qurximmii waliin kan seenan ilbiisonni baay'een
kan qaama saanii keessaa summii qabanillee, kan nyaataaf hin
eeyyamamne fuula waaqayyootti cigaasisaa ta'an hedduun waliin kiyyoo
qurxummichaatti ol nam'u. Garuu kiyyeessituun waan barbaachisu qofa
keessaa fudhatee isa kaan gata. Akkuma kana hamma gaaafa haamaan
gahuuttiykn gooftaan keenya deebi'ee dhufee re'ootaaf hoolota gargar
baasutti waan feene shaakaluu, hojjechuu akka feene jiraachuu in
dandeenya. Garuu tokkicha balballi cufamnaan, ykn akka re'eetti
ilaalamnaan, ykn akka ingirdaadaatti ilaalamnaan ykn Yesuus an si hin
beeku ijakoo duraa deemi jennaan yeroos akka malee jiraachuukee argitee
iyyuun waa'ee hin baasu. Kanaaf osoo yeroo qabduu jireenya akka malee
jiraachuu keessaa dafiitii bahi. Gara Waaqayyotti deebi'i kakuukee,
ayyaanakee, kennaakee haareffadhu. Waan akka fixeensa barii kana of
harkatti argitee waanti har'a of harkaa qabdu qabeenya, taayitaa,
beekamtii, beekumsa, dandeettii, fi kkf hundumaa akka malee itti hin
fayyadamin. Waaqayyo waanti inni kennaa godhee siif kenne hundumaa
akka ta'utti akka ittiin nama tajaajiltuuf malee akka ittiin jireenya akka
malee jiraattuuf miti. Kenna Waaqayyo sitti kenne akka horiitti
gurgurattuuf osoo hin taane waldaa kiristaanaa akka ittiin tajaajiltuuf sitti
kenname. Egaa jireenyi akka maleen oolee bulee rakkina akka maleef
nama saaxiluu hin hafu.
 Rakkina akka malee
Gurbaan dhaala akka malee fudhatee jireenya akka malee jiraate kun
guyyaa yartuu booda rakkinni akka malee hamma baachuu dadhabuu
olitti itti dhufe.
14 Yeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e,
kanaafis baay'ee rakkate.
15 Warra biyyasii keessaa gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan
godhu dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge.
16 Baay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa
guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.
Sababni rakkina kanaa inni guddaan jireenya akka malee jiraachuudha.
Dhaloota nana jireenya har'a jiraachaa jirru kanaan waan lama keessaa
tokko filachuu keenya hin hafu. Beenyaan akka malee jiraachuu rakkina
akka malee isa dhuma biyya lafaa booda warra ilma Waaqayyoo Yesuusitti
hin amanetti dhufuuf jiru keessatti kufuun hin hafu.
Warri ilma Waaqayyoo Yesuusitti amanan, maqaasaa jabeessanii qaban,
dubbiisaammoo akka ta'utti eeggatan yeroo qorumsa biyya lafaatti
dhufutti Innimmoo jalaa isaan baasa.
“Ati dubbii koo isa obsaan danda'uu si irraa barbaadu waan eegdeef, anis immoo
yeroo qoramsi guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa
qoruudhaaf dhufutti isa jalaa akka baatuuf sin eegan.”
— Mul. 3:10
. Egaa gurbaan akka malee jiraate kun guyyaa yartuu booda qabeenya
inni harka abbaasaatii fudhate hundinuu harkaa dhume. Sana booda lafti
inni jiru biyya ormaa waan ta'eef beelli cimaan biyyicha tti waan bu'eef
rakkina akka malee keessatti kufuun dirqame. Rakkinni humna saan olii
kun waan nyaatamuun irra hin jiraanne

17 "Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa


kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti
beelaanan badduu ba'a.
18 Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera;
19 si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa
tokkoo na godhadhu'" jedhaan.
20 Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa
utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e;
itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates.
21 Ilmi isaa garuu, 'Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma
kee jedhamuun anaaf hin ta'u' jedheen.
22 Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, 'Dafaatii uffata isa keessaa caalu
fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti
kaa'aa.
23 Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas.
24 Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames jedhe;
hundumtinuus itti gammadan.
Yoh.14
¹ Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa,
anattis amanaa!
² Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti
nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.
³ Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka
jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.
- Wayyaa moofaa ofirraa baasuun haaraa uffachuu
Mar 2
21 Homtinuu erbee haaraa takkaa hin miicamin uffata moofaatti hin hodhu; kana yoo
godhe erbichi haaraan uffata moofaa sana irraa in tarsaasa, tarsa'aan isaas isa duraa irra
kan caalu in ta'a.

22 Akkasuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan
daadhichi qodicha in dhoosa, daadhichi, qodichis in badu. Egaa daadhii waynii haaraa
qodaa jabaatti in naqu" isaaniin jedhe.
Luq 22
19 Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, "Kun
dhagna koo ti [isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!" jedhe.

20 Akkasumas irbaata booddee xooficha fudhatee, "Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga
koo isa isiniif jedhee dhangala'uun dhaabatuu dha].

- Akka warra ga'aniitti jiraachuu (mucummaa keessaa bahuu)


Jireenya mucummaa akkaataa lamaan ilaalla. Jireenya mucummaa (ijoollummaa)
mootummaa Waaqayyoo simachuuf akka mucaatti isa jedhuufi jireenya mucummaa
(ijoollummaa) bilchina dhabuun wal bira qabnee kan ilaallu ta'a.

“Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis
sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama ga'aa ta'ee, akka mucaatti jiraachuu
dhiiseera.”
— 1Qor. 13:11

Mat. 18
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Yommus inni mucaa tokko gara isaatti waamee isaan gidduu dhaabachiisee,
³ "Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii yoo ta'uu dhaabaattan,
mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan.
⁴ Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa
irra kan caalu isa.
5 Eenyu illees mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima" jedhe.

 Haareffama garaa (laphee)


Garaa isa akka dhagaa: garajabina
Garaa isa akka foonii:gara laafina
(His 11
19 Ani garaa haaraa isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaa'a; garaa isa akka dhagaa isaan keessaa
baasee garaa isa akka foonii isaaniif nan kenna.

20 Yommus isaan akka seerrata kootti in adeemu, wanta na duratti qajeelaa ta'es in eegu; isaan saba koo in ta'u, anis
Waaqayyo isaanii nan ta'a.

21 Warra garaan isaanii waaqayyolii tolfamoo fi wanta ciiggaasisaa duukaa bu'e garuu, hojii isaanii mataa isaaniitti nan
deebisa' jedhee dubbateera Waaqayyo gooftaan" jedhi!

 Haareffama humnaa
Haareffama humnaa barachuuf fakkeenya gaarii kan nuuf ta'u seenaa jooboraa irraa
waan barannu qabna.
Joobirri gosa allaattii keessaa tokko ta'ee macaafa qulqulluu wajjin hidhata gurguddaa qaba .
Waaqayyo gaafa nama barsiisu waanuma sabichi beekuun sabicha barsiisa. Joobirri macaafa
qulqulluu keenya keessatti waan lama ibsuuf itti fayyadamameera.
A) saffisa Waaayyoo ibsuuf itti fayyadamameera.
.
.“Uumamni lubbuu qabu sun inni duraa leenca in fakkaata ture. Uumamni lubbuu qabu inni
lammaffaan tuntunoo in fakkaata ture; uumamni lubbuu qabu inni sadaffaan fuula namaa kan
fakkaatu qaba ture; uumamni lubbuu qabu inni afuraffaan joobira balali'u in fakkaata ture.”
— Mul. 4:7
.
B) Of haaressuu danda'uudhaan fakkeenya gaarii nuuf ta'uudhaan barumsa nuuf ta'uudhaan itti
fayyadamameera.
Joobirri allaattiiwwan jiran keessaa allaattii umurii dheeraa jiraachuun beekamuudha. Waa'ee
umuriisaati kana yaada garaagaraatu kaahama; warri tokko tokko hanga waggaa torbaatamaatti
jiraataa jedhu. Kaanimmoo hanga waggaa dhibbaaf shantamaatti jiraataa jedhu. Gariin immoo
hamma waggaa dhibba sadiittiyyuu injiraataa kan jedhan jiru. Ta'us yaanni sadanuu walakkeessa
umuriisaa kanatti akka of haaressu irratti walii galu.
Joobirri jireenya ilma namaa waliin waan walfakkeeessu baay'ee qaba.
1 Hariiroo waliin jireenyasaanii irratti
2 Qormaata waliisaaniitiif dhiheessan irratti
Joobirri isheen dhaltun akka dhala namaa kana abbaa manaa godhachuf ulaagaalee joobirri inni
dhiiraa guutuu qabutu jira. Innis akkasi. Jobironni dhiiraa baay'en joobira ishee dhaltu bira dhufu.
Isheen dhaltun immoo warra dhufan keessaa kan isheedhaf ta'u. Kan jaalala dhugaa qabuf adda
baastee beekudhaaf qorumsa guddaa qorti. Innis, lafaarraa wanta akka mukaa tokko fuutetu gara
samitti ol balaliiti joobironni ishee barbaadan hundumtuu duukaa balali'u. Sana booda saa'ati 4 olif
qilleensa keessa erga balaliitee booda lafa baay'ee rakkisaa irra qubachuudhaf nama rakkisu yeroo
geesse muka baattee jirtu sana gadi dhiisti. Sana booda warri dhirotaa duukaa fiigan sun muka
isheen gadi dhiiste sana utuu lafa hin xuqin duukaa fiiganii qilleensa iratti qabuu qabu. Isaan
keessa inni muka sana utu lafa hin xuqin qabe isheetti deebise fide abbaa mana ishee kan amma
du'aatti ta'a. Inni Qorumsa baay'ee booda argate wan taef irraa adda hin bahu.

Hiikaa:- Atis arruma ka'ee nama sifan du'a sin jedhu/tu dhiisiti nama walitti dhufeenya kabajamaaf
barbaaddu sirritti qorii ilaali. Namuma balbala onnee kee rurrukute hundumaaf arifatte balbala hin
banin. Sababni isas namoonni tokko tokko akka ijoolle balbala rurrukutanii fiiguu jaallatu wan
ta'ef. Inni dhiiratis isheen dubaraatis haala joobiraa kana irraa baradhu.
3 Akkaataa guddisa dhalasaa irratti
Joobirri shaakallif of qopheessa. kan nama dhibu joobirri tokko akkaata itti balali'an baruudhaf
ykn shaakaluudhaf mandhee keessa jiraatu keessaa wantoota isaaf mijatan hunduma guuree
baleessa. Kana jechuun wantoota dhiba'inaaf karaa Isaaf banan kan akka marga lallaafa kanafa
digee baleessa.sana booda mandheen isaa kun keessa turuudhaf waan itti in tolleef ka'ee
balali'udhaf dirqama jedhuudha. Akka kanatti kallatti hundumaan balali'ee shaakkalli isaa
gaggeessa dandeetti isaa dabalata.

👉Hiikaa: Milkaa'ina isa caaluf lafa mijataa in barbaadini. Baay'een keenya milka'ina caaluf
shaakallii in goonu. Isuma keessa jirrutu nutti ho'a. Kun rakkina namoota baay'edha kanaf jireenya
kanarra kan darbe kan biraa waan jiruuf kaanee haa tattaafannu.
4 Filatee soorachuurratti
Joobirri waan raqa ( du'aa) in nyaatu. Wanta lubbuu qabu qofa nyaata.

👉Hiikaa:- Atis hamma kee beeki. Waan sammuu kee nyaachiftu adda baafadhuu bari. Wantoota
gaggaari fi mullata haara ta'e qofa sammukee soori. Gatiin kee guddaa wan ta'ef iddoo jirattus
beeki.

AKKAATAA JOOBIRRI ITTIIN OF HAARESSUUFI

WALITTI DHUFEENYA JIREENYA KIRISTAANUMMAA


* of haaressuuf murteessuun
* kattaatti galuu
* qorumsa dandamachuu
* isa moofaa ofirraa harcaasuu
-----------------------------------------
Amaloota isaa Torban
“inni jireenya kee waan gaariidhaan in quufsa, dargaggummaan kees haara'ee akka joobiraa in
taata.”
— Far. 103:5
Allaattiwwan jiran keessan kan akka joobira fakkeenya baay'ee qabu hin jiru. Joobira kan jedhu
macaafa qulqulluu keessatti yeroo diigdamii shanii ol barreeffameera.joobirri humna
qabaachuu,iddoo ol ka'aa haala kam gararraa jiraachuu akka qabu fi fakkeenya kan biroonis ni
hiikamu.
Mee amaloota joobiraa wal duraa duuban haa ilaallu.
1)Joobirri ol-ka'insa guddaarratti qofaasaa balali'a. Kan akka quraa, guugee fi simbirroota
xixxiqqoo biroo wajjin tasumaa hin balali'u. Iddoon inni oolus bulus nyaatus kan kaanirraa adda.

👉Hiikaa:- Namoota yaada dhiphataa qaban,bakki olmaa isaani sin madaalle, haasan isaani kan
nama hin madalle fi jireenyaa kee jeeqanii olka'insa keerra gadi si buusuu fedhan irraa fagaadhu.
Hammakee bari warra si madaalan walin jireenya kee qajelchi.
2)Joobirri mullata dhugaa qaba. Waa tokko adamsee qabuuf dandetti 5 km irratti ilaaluu qaba.
Wantoonni isa gufachiisan yoo jiraataniyyuu amma wanta adamsee qabachuf yaade sana qabatutti
xiyyeeffanna isa tasumaa irraa hin kaasu.

👉Hiikaa:- Wanta bira ga'udhaf yaadde ykn harkakeetti galfachudhaf yaadde tokko amma qabatutti
biraa hin hafin rakkinni baay'een si mudachuu danda'a .Rakkina obsaan darbaa karaa kee
tolfadhuuti isa aggaamtef sana itti fiigii qabadhu. Jalqaba garuu ilaalcha kee tolchi.

3)
4)Joobirri rooba guddaa fi obobolettii guddaa jaallata. Sababni isaas yeroo roobaf bubbee kanatti
dummessa gaarrarraatti ba'a. Isa simbirroonni biroon sodaatani rommani muka jalatti namman,
inni akka carraatti itti fayyadamee duumessaa gaararraa bahee asi gadi ilaalaa irra bashannana.

👉Hiikaa: Rakkina sitti dhufu hunduma akka carraa milkaa'inaatti itti fayyadamuu qabda.
Mudannoon rakkisaan si muudatu kamiyyu karaa ittin olka'insa kee dabaltu ta'u qaba malee
kufaati keef sababa ta'uu hin qabu.

5)

6) Joobirrii yeroo ummurii dargaggummaa isaa xammure humnisaa dadhabaa dhufa. Baalllen
isaas harca'a adeemu. Kana jechun akka yeroo dargaggummaa isaa lafa dheeraa balali'uu hin
danda'u. Kanaaf gara gaarotaatti olba'ee kattaa jalatti galee, qaama isaa isa moofaa harcaafatee
qaama haaraa uffatee bareedee humna haaradhan jireenya isaa itti fufa. Bara cimaa ture garuu
yeroo dadhabee katatti galee humna isaa haareffatu hiriyaa joobira nyaata isaaf guuree kennuf
godhata. Hiriyaa isaatu bara rakkinaa isa soora.

Hiikaa:-Akkuma Joobirri humnisaa dadhabuusaa of irratti argee kattaatti galee humna isaa
haareffatu; atis dhaabadhu of ilaali.
👉Humni kee
👉Beekumsi kee
👉Dandeettin kee
👉kadhannaan kee
👉Faarfannaan kee
👉Lallabnikee fi kkf isa kaleessatirra si jalaa gadi bu'an taanan akka joobiraa golatti ol-galii
dhokadhuuti Eenyummake isa lafa fagoo akka hin geenye sakaalee siqabe ofirra harcaasii qaama
haaraa uffadhu.

Hiriyaas gaafa baaftu hiriyaa yeroo ifaa akka gaadidduu sitti dhufee yeroo dukkama'u sirraa
dheessu utuu hin tane. Bara rakkina kan galaa sif ta'u godhadhu.

7.😂Qajeelfamni inni dhuma baay'ee na dinqiisisa.


-----------------------------------------

 Haareffama kakuu
" Kunoo, barri ani itti namoota biyya Israa'eliif, biyya Yihudaafis kakuu haaraa galu in dhufa;"
(Er 31: 31)
------------
32 innis sanyii kakuu isa ani abboota isaanii gargaaree biyya Gibxii yommuun baase isaaniif
dhaabnaan, utuma ani gooftaa isaanii ta'ee jiruu, isaan immoo kakuu koo cabsan sanaa miti; ani
Waaqayyo kana dubbadheera.

33 Kakuun inni ani bara sana Israa'eliif galuuf jiru kanatti fufee jira; ani seera koo yaada isaanii
keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis nan caafa; ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo
in ta'u;

34 ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebi'ee isaanitti hin lakkaa'u; isaan
hundumti isaanii xinnaadhaa hamma isa guddaatti ana waan beekaniif, si'achi namni tokko illee
nama biyya isaatiitiin yookiis obboleessa isaatiin, 'Waaqayyoon bari!' jedhee, gorsuu hin
barbaachisu" jedhe.

35 Inni biiftuun guyyaa akka ibsituuf, jiinii fi urjoonni immoo halkan akka ibsaniif abboome; inni
galaana raasee dha'aan isaa akka huursu godhe, maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti;

(Ibr 9 )
------------
10 Isaan kun waa'ee nyaataa fi dhugaatii, waa'ee yeroo garaa garaatti of qulleessuudhaaf of
dhiquu waan ta'aniif, seerrata namummaa isa duubaatiif kennamanii hamma seerichi haara'utti
hojjetanii dha.

11 Kristos garuu wanta gaggaarii dhufuuf jiraniif angafa lubootaa ta'ee yeroo mul'ate, gara godoo
isa caalaa guddaa fi isa caalaa raawwatamaa keessaatti darbe; godichis harkaan hin ijaaramne,
waan uumame kana keessaas hin qabu.

12 Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa
dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol
gale; nuufis furee bara baraa argate.

13 Egaa dhiiga re'ootaa fi korommii, daaraa foon goromsa aarfamtees namoota xuraa'an sanatti
facaasuu, xuraa'ummaa foon isaanii irraa isaan in qulleessa erga ta'ee,

14 dhiigni Kristos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa
Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataadhaaf
hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?

15 Kanaafis gidduu galee kakuu haaraa Waaqayyoo fi namoota gidduu kan dhaabu isa; irra-
daddarbaa kakuu isa duraa jalatti hojjetan irraa duuni isaan furu erga argamee, kakuun haaraan
sun, warri bara baraan itti darbanii fudhachuudhaaf waamaman abdii sana akka argataniif in
barbaadama.

16 Dhaamsi dhaalaa hojii irra ooluun yeroo ga'utti, namichi inni dhaala dhaameef sun akka du'e
beekamuun irra jira.

18 Kanaaf kakuun inni duraa iyyuu dhiiga malee hojii irra akka oolu hin godhamne.

19 Museen abboommii seerichaa tokko tokkoon saba sana hundumaatti erga himee booddee,
dhiiga jibootaa fi re'ootaa bishaanii wajjin fuudhee, baala hisoophii isa rifeensi hiddamaan
diimaan itti marameen, macaafichatti, saba sana hundumaattis in facaase.

20 Achumaanis, "Kun dhiiga isa kakicha cimsuudhaaf Waaqayyo isiniif abboomee dha" jedhe.

21 Akkasumas dhiigicha, godichaa fi qodaa achi keessaa seerri sagadaa itti hojjetamu
hundumaatti facaase.

22 Dhuguma iyyuu akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in


danda'ama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru.

(Luq 22 )
------------
19 Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, "Kun dhagna koo ti
[isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!" jedhe.

20 Akkasumas irbaata booddee xooficha fudhatee, "Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa
isiniif jedhee dhangala'uun dhaabatuu dha].

♥(Efe 4 )
------------
17 Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada waa'ee hin baafne duukaa buutanii
akka hin jiraanne maqaa gooftaatiin cimsee isinan gorsa.

18 Isaan sammuun isaanii dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef,


sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad baafamaniiru.
19 Isaan of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu
hundumaa in hojjetu, in ga'as hin jedhan.

20 Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre.

21 Silaa waa'ee isaa dhaga'uun keessan, akka dhugaa isa Yesus keessa jiruttis maqaa isaatiin
barsiifamuun keessan hin oolle!

22 Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa kajeellaa nama gowwoomsuun
manca'e of keessaa baasaa!

23 Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa!

24 Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin


uumame uffadhaa!

25 Kanaafis, namni adduma addaan, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu'aa dhagna walii ti.

26 Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun
isin duraa hin hin lixin!

27 Seexanaaf karaa hin kenninaa!

28 Inni hatu deebi'ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda'utti hojii waa'ee baasu harka
isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.

29 Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee,
dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!

30 Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin
gaddisiisinaa!

31 Hadhaa'ummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin
irraa haa fagaatu!

32 Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu
keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!
BOQONNAA LAMA
Biyya ormaa taa'anii biyya ofii yaaduu
☆ BIYYI KUN KAN KEENYA MITI
Biyyi nuti keessa jiraachaa jirru kun kan keenya osoo hin taane biyya baattuu kenyaati. Akkuma
foon keenya kun lubbuu keenyaaf iddoo tursiisaa taate biyyi lafaa kun nu isa waaqarraa dhufeef
bakka tursiisaati. Dubbii kana keessaa waanti guddaan nuti hubannu maddi dhala namaa inni
jalqabaa eessa akka ta'e argina. Ilmi namaa kun akkuma uumama kaanii waan irraa madde qaba.
S Uuma1:1 kaasee hamma boqonnaa 2: tti kan nuti arginu Waaqayyo uumama kana uumuuf
yeroo madda madda saatti dubbatu argina. Waan galaana keessa jiraatu uumuuf galaanatti,isa
lafarra jiraatu uumuuf lafatti, akkasumas uumama bantii waaqaa keessa jiraatan uumuuf bantii
waaqatti yeroo dubbatu argina. Ilma namaa kana uumuuf garuu Waaqayyo ofiissaatti dubbatetu
dhala namaa kana uume. Uumamni kun barabaraan biyya lafaa kanarra hinjiraatu. Umurii biyya
lafaarra jiraatu yoo fixu gara madda saatti deebi'a. Inni biyyoorraa dhufe biyyootti, inni
galaanarraa dhufe galaanatti, inni bantii waaqaa keessa gara madda saatti deebi'uun hin hafu.
Akkasumas dhalli namaa gara madda irraa dhufeetti ni deebi'a. Namni afuurrisaa (internal part or
soft ware) isaa waaqayyo biraa kan dhufe yoo ta'u qaamnisaa(outer part or hard ware)nsaa
biyyoorraa akka dhufe caaffanni qulqulluun ragaa ba'a. Kanaaf yeroo qaamni kun lamaan gargar
bahan bakka irraa dhufanitti deebi'u. Qaamni keenya inni biyyoorraa dhufe afuura keenya isa
waaqayyo biraa dhufe of keessaa hin qabu yoo ta'e reenfa jedhama. Eenyummaansaa hin
beekamu. Kanaaf eenyummaan keenya kan ittiin ibsamu afuura isa Waaqayyo biraa dhufeeni.
>>>Waa'ee REENFAA mee maal beekna?
Reenfa jechuun jireenya hafuurri keessa hin jirreedha. Hisqeeliin qilleensa golee arfaniitti raajii
dubbadhu ittiin jedhee lafee goggogaa isa socho'uu hin dandeenyetti akka qilleensa'uuf abboome .
Hisqeel yeroo qilleensatti raajii dubbatu qilleensi golee arfanirraa dhufee lafee lubbuun keessa hin
jirretti galee akka inni socho'uu, jiraachuu danda'u godhe. Reenfi paartiin qaama namaa isa ijaan
mula'tu yeroo paartiin qaama namaa inni ijaan hin mul'nne keessaa bahee deemu hojii dur hojjetu
yeroo itti dhaabu reenfa jedhama. Osoo nyaatuu yoo dhiisee hafe , yoo arguu dhaabe ,yoo
dhagahuu dhaabe ,yoo dhiignisaa guutumaan guutuutti hojii dhaabe reenfa jedhama.jireenya
hafuuraa keessattis namni Waaqayyoon hin dhagahu yoo ta'e ,hin argu yoo ta'e ,itti hin dubbatu
yoo ta'e ,dubbii Waaqayyoo isa biddeniifi bishaan jireenyaa ta'e hin sooratu yoo ta'e ,hafuura du'e
jedhama . Reenfi hafuurri keessaa baanaan foolii ajaawu kenna. bifnisaa injijjiirama . Guyyaa
afur booda ijji keessaa buruqxi. Arguu dhaaba jechuudha.
Egaa akka qaamni keenya guutummaan akka ta'utti akka socho'u kan godhu HAFUURA ISA
WAAQAYYO biraa nuuf kennameedha. Hafuurichi kan biyya lafaa kana osoo hin taane kan
gubbaa Waaqarraati. Waaqayyo yeroof barbaadeetu buyya lafaa kanarra hojiidhaaf nu kaahe.
Erm1⁴ Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
⁵ ''Garaa haadha kee keessatti utuun si hin tolchinan si fo'adhe; utuu ati hin dhalatin addaan si
baaseen, sabaaf raajii akka taatuuf si kaase'' jedhe.
Ermiyaas osoo hin dhalatiniyyuu akka jiru sagaleesaa kana keessa akka gaariitti argina. Osoo
garaa haadha keettiitti hin dhalatinan si fohadhe sabaaf raajii akka taatuuf si kaase yeroo jedhuun
Waaqayyo nama hin dhalatin akkamitti waamaan gaaffii namaa ta'uu danda'a. Ermiyaas garuu
osoo garaa haadha isaa keessatti hin dhalatiniyyuu yaada Waaqayyoo keessa akka jiru argina. Egaa
Ermiyaas qofa osoo hin taane jalqabni dhala namaa kamiyyuu yaada Waaqayyo keessaa akka ta'e
seerri uumamaa boqonnaa 1:27 ragaa nuuf baha.
Uma. 1
²6 Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in
umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii
qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis
mootummaa haa qabaatan!" jedhe.

²7 Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi
dubartii isaan uume.
Yeroo kana yeroo namni yaada Waaqayyo keessa jiruudha. Osoo biyyoorraa foon itti jin
tolfaminiidha. Uma boqonnaa lamarrattimmoo waaqayyo biyyoo rraa foon yeroo itti tolchu argina
kanaaf namni isa uumame malee isa tolfame miti.
◇◇ Afuura funyaan Waaqayyo keessaa bahetu nama jiraataa nu taasise.
“Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in
baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.”
— Uma. 2:7
Ilmi namaa kun yaada Waaqayyoo keessaa akka fakkaattiisaatti waan uumameef achii asdhufaasaa
wallaaluu hin qabu. Dhaloota kana biyyi lafaa akka qabeenyasaatti yeroo inni laalu argina garuu
nuti kan biyya lafaa kana osoo hin taane kan biyya waaqarrati. Garuu hamma gaafa keessaa
deemnuutti keessa akka jiraannuuf waaqayyo keessaa nu kaahe. Nuuf mijateetu keessa jiraanna
osoo hin taane osoo keessatti rakkinnisaa nurratti dabaree waljijjiiruu gara biyya keenyaa yaadaa
keessa jiraanna. Yesuus biyyichi nuuf rakkisaa akka ta'e keessattu warra maqaasaatti waamamaniif
immoo caalaatti rakkisaa akka ta'e nu barsiiseera. Barsiisaa isaa qofa dhageenyee kan dubbannu
osoo hin taane qabatamaadhaan ofirratti arginee jirra. Rakkinichi biyya lafaa kanarra osoo jirruu
nubiraa hafa osoo hin taane guyyaa guyyaatti rakkinni isa kanaan duraa caalu hamma gaafa
Yesuus dhufuutti nurratti waljijjiira. Kana keessatti obsaan danda'uun warra Waaqayyoof adda
bahanii hin barbaadama . Sababni nuti obsaan danda'uu qabnuuf rakkinni keenya inni biyya lafaa
kanarraa fi ulfinni inni biyya keenya keessaa nu eeggachaa jiru walbira qabnee madaaluu kan hin
dandeenyeedha. Akasumas rakkinichi inni har'a mulatu kun ulfinicha isa boruu baachuu akka
dandeenyuuf nu qopheessa. Kaayyoon Yesuus gara biyya lafaa kana dhufe inni guddaan waan
biyya lafaa kana dhala namaaf kennuf osoo hin taane jireenya hin daangeffamne namaaf kennuufi.
Biyya lafaa kanatti kan ittiin isa biyyoorraa dhufe jiraachifnu biyyuma lafaatii argama. Lafa qottee
callaa galchita. Albuuda baafta. Garuu ittiin jireenya galuun hin danda'amu.kanaaf inni biyyoorraa
dhufe kan isa barbaachisu biyyoorraa argata inni Waaqayyo biraa dhufemmoo kan isa barbaschisu
biddeenii fi bishaan jireenyaa Waaqayyo biraa argata. Foon gara awwalaatti,dukkanaatti,
tortoruutti yoo gad harkisu hafuurri garuu gara haareffamnee jiraachuutti, gara ulfina isa guddaa
sanaatti ol harkisa.
2Qor 4:
16 Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad
dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.
17 Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaa
sana baachuudhaaf nu qopheessa.

.2Qor. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu.
⁴ Haa ta'u iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi'eessina.
Hojjetoota Waaqayyoo ta'uu keenyas argisiisuudhaaf baay'ee in obsina, in rakkanna, gidiraatti,
muddamattis in galla;
⁵ in reebamna, in hidhamna, gooliin nutti kaafama, hojiitti in dadhabna, hirriba in dhabna, in
soomna.
⁶ Garaa qulqulluudhaan beekumsaanis in hojjenna, waliif in dandeenya, gaarummaadhaan in
jiraanna, hafuura qulqulluutiin in geggeeffamna, jaalala amanamaa in argisiifna.
⁷ Dubbii isa dhugaadhaan, humna Waaqayyootiinis in hojjenna, qajeelina akka mi'a waraanaatti
[ittiin hojjechuudhaaf] harka mirgaa fi harka bitaatti in qabanna;
⁸ ulfinaan salphinaanis, maqaa baduudhaan, maqaa toluudhaanis, akka gowwoomsituutti
ilaalamuudhaan, dhugaa qabaachuudhaanis in deddeebina.
⁹ Utuma beekamnee jirruu akka warra hin beekaminii taane; akka warra du'aniitti in lakkaa'amna,
nuyi garuu kunoo, in jiraanna! Akka warra adabamanii taane, garuu hin ajjeefamne,
¹⁰ Akka warra gaddaniitti in ilaalamna, garuu nuyi yeroo hundumaa in gammanna; akka warra
deeganiitti in lakkaa'amna, garuu namoota baay'ee in sooromsina; akka warra homaa hin qabneetti
in ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.
2Qor. 4
⁷ Ammas nuyi warri wanta gati-jabeessa akkasii fudhanne kun, akka qodaa suphee ti; kana
eeguudhaaf humni humna gararraa kan keenya utuu hin ta'in kan Waaqayyoo ti.
⁸ Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin
kutannu.
⁹ In ari'atamna, garuu hin gatamnu; lafaan dha'amna, garuu achumatti hin hafnu.
¹⁰ Yesus jiraataa ta'uun isaa dhagni keenya jiraachuu isaatiin akka mul'atuuf, yeroo hundumaa
milikkita du'atti geeffamuu Yesus dhagna keenyatti baannee in adeemna.
¹¹ Jireenyi Yesus foon keenya isa du'u keessaan akka mul'atuuf, biyya lafaa irra utuu jirruu sababii
Yesusiif jennee gaaf hundumaa du'atti dabarfamnee in kennamna.
¹² Egaa duuni nu sodaachisaa jira; isin immoo jireenyatti jirtu.
¹³ Caaffanni qulqullaa'aan, "Nan amane kanaafan dubbadhe" in jedha; nus immoo hafuuruma
amantii sana qabaannee amanne; kanaafis in dubbanna.
¹⁴ Waaqayyo inni gooftaa Yesusin du'aa kaase, Yesusin waan kaaseef, nus immoo kaasee isinii
wajjin of bira akka nu dhaabu in beekna.
¹⁵ Akkuma ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'atee irraa hafe, warri ulfina Waaqayyootiif galata
dhi'eessanis akka baay'ataniif kun hundinuu isiniif ta'e.

¹⁸ Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla amalee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti
ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.
Nuti biyya lafaa kanaaf keessummaa ykn jiraataa darabaati. Kanaaf biyya ormaa kana keessa
teenyee wa'ee biyya keenya isa waaqarraa
-yeroo itti barannu ,
- yeroo itti yaannu fi
-Itti galuuf yeroo itti karaarra jirruudha.
☆ BIYYA KEESSATTI KARA DEEMTUU TAANEE JIRAANNUDHA
Karadeemtuun
> kutannoo qaba
> galaa qaba
> karaa beekuu qaba
> dadhabbii qaba
> obsa qaba
> ka'umsaafi gahumsa qaba
> beelaaf dheebuu haala qilleensa hin mijanne kamiyyuu danda'uu qaba.
Biyya ormaa kana keessa teenyee gara biyya keenyaa yeroo yaannu biyya kana keessatti nuti
garbummaas bilisummaas akka hin qabne beekuutu nurra jiraata. Biyyuma garbummaas
bilisummaas hin qabne kana keessa teenyee ittiin mormaa keessa jiraanna.
Akka kan keenya hin taane itti himaa akka kansaa hin taanes itti himaa keessa jiraanna.irraas
fayyadamna.
Biyyi nuti har'a keessa jirru kun biyya keenya waan hin ta'iniif baay'ee nu rakkisa . Rakkisuunsaas
gaariidha sababnisaa hammamuu miidhagaa fi mijataa yoo ta'eyyuu :-
* hamma isa nuuf kaahamee sana mijataa miti
* abdii barabaraan jiraachuu osoo hin taane guyyaa dhumaatti akka maramtu,akka baqxuufii kkf
ishii eeggata
* bulchiinsi shii isa hamaa sana waan ta'eef yoo biyya lafaa kanarratti xiqqoo nuuf mijate isa
guddaa akka nuhin dhabsiifneef nu rakkisuunsaa gaariidha.
Biyya bulchiinsisaa Waaqayyoon ta'e
Biyyi keenya biyya bulchiinsisaa Waaqayyoon ta'e kessa jiraachuuf abdiidhaan itti eeggannuudha.
Yeroo akkas jennu daangaa bulchiinsa Waaqayyoo xiqqeesuu osoo hin taane bulchiinsa Waaqayyo
keessa barabaraan Waaqayyoon wajjin jiraachuudha. Bulchhiinsi Waaqayyoo biyyaan kan hin
daangofne yoo ta'eyyuu gochoota seera saatti bu'an keessatti kan hin argamneedha. Bulchiinsi
Waaqayyootiin mootummaa Waaqayyoo jennee waamuu ni dandeenya. Mootummaan Waaqayyoo
mootummaa nagaa,jaalalaa,dhugaa boqonnaa, tarsimoof qajeelfamnisaa qajeelaa ta'eedha. Egaa
nutis biyya ormaa kana keesssa teenyee yeroo itti jireenya mootummaa Waaqayyoo keessa itti
jiraatamu itti shaakalludha.
☆BIYYA KEESSA TEENYEE JIREENYA MOOTUMMAA WAAQAYYOO
SHAAKALLUUDHA
Har'a osoo biyya lafaa kanarra jirruu jireenya mootummaa Waaqayyoo keessatti jiraatamu hin
shaakalle yoo ta'e carraan mootummaa Waaqayyoo keessa Waaqayyoon wajjin bara baraan
jiraachuu keenyaa dhphaadha. Mootummaan Waaqayyo akka mootummaa jaalalaa ta'e jaalala of
keessa hin qabnu yoo ta'e mootummaa Waaqayyoon ala jiraachaa jirra jichuudha.
JAALALA....
Akkuma kana mootummaan Waaqayyo mootummaa nagaati. Naannoo ykn biyya keessa jiraachaa
jirru kana keessatti ofiif namaaf biyyaaf nagaa hin qabnuuf yoo ta'e akkuma duraa mootummaa
Waaqayyo keessa akka hin jirre beekamaadha.
Ibr. 11
2Qor. 5
☆ BIYYA KEESSA TEENYEE WAA'EE BIYYA KEENYAA ITTI BARANNUUDHA.
Museen:

BOQONNAA SADII

SEEXANA YKN HAFUURA HAMAA


●Seexanni eenyu?
Maalummaa seexanaa baruudhaaf ergamoonni Waaqayyoo eenyu akka ta'an beekuun dirqama ta'a
sababnisaa jalqabatti ergamoota Waaqayyoo keessaa tokko waan tureefi.
Ergamoota Waaqayyoo
Ergamoonni Waaqayyoo
“Ergamaan inni shanaffaan malakata isaa in afuufe. Yommus ani urjii isa waaqa keessaa lafa dha'e
tokko nan arge; urjichaafis banaan boolla lafa jalaa isa gad fagoo in kennameef.”
— Mul. 9:1

Mul. 8
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁰ Ergamaan inni sadaffaan immoo malakata isaa afuufe. Urjiin guddaan akka gucaa boba'u tokkos
waaqa keessaa lafa dha'e; inni immoo lagoota, burqituuwwan bishaanii harka sadii keessaa harka
tokko irratti kufe.
¹¹ Maqaan urjii sanaas "Hadheesso" in jedhama; bishaanonnis harka sadii keessaa harki tokko
hadhaa'ootti in geddaraman; sababii bishaan hadhaa'aa ta'eefis, namoonni baay'een bishaanichaan
in du'an.

Isa. 14
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Ulfinni kee fi sagaleen maseenqoo kee, gara iddoo lafa jalaatti gad in darbatame; afanni kee
bunqursaa, uffanni kees raammoo in ta'e.
¹² "Ati yaa ilma ganamaa, isa akka bakkalcha barii ibsuu! Attamitti bantiiwwan waaqaa irraa gad
darbatamte! Ati inni saba gad qabaa turte, amma immoo attamitti lafatti dabalamte!
¹³ Ati garaa kee keessatti, 'Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba'a, urjoota Waaqayyoo
gararraas teessoo koo nan dhaabbadha, tulluu iddoo walga'ii isa dhuma gara bitaa jiru irras nan
taa'a;
¹⁴ duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba'a, isa hundumaa gararraa jiruttis of nan fakkeessa' in jette.
¹⁵ Ati garuu iddoo lafa jalaatti in darbatamte, qilee keessas in buute.
>Jalqaba maal ture?
> Maaliif gad darbatame?
> Hamma eessa jiraata?
“Eegeen isaa urjoota waaqa keessa jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa'ee lafatti gad in
darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee liqimsuudhaaf jedhee,
ishee da'uuf jettu sana dura in dhaabate.”
— Mul. 12:4

> Garaagarummaan seexanaaf hafuura > Maqaan seexanaa maal fa'i?


hamootamaali ?
●Seexanni abdii hin kutu
●Hojiin seexanaa kami?
●Kaayyoon seexanaa maaliidha?
●Akkamiin seexana injifanna?
●Seexanni araara hin qabu
●D haabbilee fi namoota dhuunfaa har'a seexanni iitti dhimma bahaa jiru
★ Manneen amantaa
★ Siyaasa addunyaa
★ Diinagdee addunyaa
★ Abbootii qabeenyaa addunyaa
★ Dhaabbilee gurguddoo addunyaa
★Aartiiwwan addaa addaa
.Fiilmii
. Sirba
.
★Spoortii fi atileetiksii
★ Social midia
Facebook
Tiktok fi kkf

BOQONNAA AFUR
Luba kakuu haaraa
Luba jechuun
★nama bilisa bahe,
★nama waamichi lubummmaa taasifameef ,
★ nama mudaa malee jiraatuu
★ nama dibata lubummaa argate
. (Bau 40 )
13 Aaron luba ta'ee anaaf akka hojjetuuf uffata qulqullaa'aa itti uffisiitii, dibii isa qulqulleessi!
14 Ilmaan isaas as fidii kittaa itti uffisi!
15 Luba ta'anii anaaf akka hojjetaniif, abbaa isaanii akkuma dibde isaanis dibi! Dibamuun isaanii
kun dhaloota dhufu hundumaa keessatti lubummaa bara baraa ta'ee in jiraata" jedhe.
Bara sana Luboonni 20,000 (kuma digdama) tahan akka turan seenaan in hima. Luboonni kun
carraan isaaniif bu'eetu yeroo tajaajila isaanii raawwatu. Ganama waaqeffannaa tokkotti luboota
sadiif carraan bu'a.
#Luba 1 ffaa:- Lubni carraan jalqabaa baheefii mana qulqullummaatti ol seenuun iddoo aarsaa
qulqulleessee, ibiddas kopheessa.
#Luba 2 ffaa:- Lubni inni kun immoo ol seenuudhaan qalma aarsaaf kophaahe qalee
facaasuudhaan, ibiddas qabsiisee, ixaana aarsaaf tahus tottolcha.
#Luba 3 ffaa:- Lubni inni kun immoo isa iddoo aarsaa kana irratti Waaqayyoof ixaana aarsudha.
Bara jiraatan keessatti Waaqayyoof ixaana aarsuun carraa al takkaa duwwaa nama qaqqabdudha.
Aarsaan kun iddoo qulqullaahaa jedhamu kanatti raawatama. Iddoo qulqullaahaafi iddoon
Qulqulluu Qulqullootaa jedhamu tokko miti.
Iddoo Qulqulluu qulqullootaa seenuu kan dandahu angafa lubootaa qofaadha. Innuu waggaatti
guyyaa tokkoof kophaadha. Egaa Luboonni kun sadan erga ol mana qulqullummaatti seenanii
booda, warreen kaan lamaan akka hojii isaanii xumuraniin gadi bahu. Lubni inni ixaana aarsu
iddoo sanatti hafa. Inni argama Waaqayyoof kadhata. Yeroo isaan gadi bahan sabni kadhannaa
jalqabuu isaati. Sodaa keessa tahanii Waaqayyoon kadhachuu eegalu. Innis akkuma ixaana aarsee,
sabaaf kadhatee, argama Waaqayyoos miireffatee booda yeroo taateen kun xumuramu gadi
bahuudhaan harka isaa hiixachuudhaan saba eebbisa. Karaa balbala guddaa mana qulqullummaa
bahuudhaan akka seera lakkoofsaa 6:24-26 irratti barreeffametti saba eebbisa.
Sabnis erga eebba Waaqayyoo fudhatanii booda, faarfannaadhaan Waaqayyoon galateeffatu.
Lewwoonni faarfannaaf kophaahan, gareen faarfachiiftotaa, kuwaariinis kophiidhaan faarfannaa
guyyaa sanaaf kophaahe faarfatanii eebbifamanii manatti galu.

Luboonni akaakuu sadiitu jira.lamaan isaanii warra kanaa ilitti tuqnee darbine yoo ta'u inni
sadaffaan waarra furamanidha.
● luboota waamicha lubummaa argatanii garuu angafa lubaa kan hin taane
● Angafa Lubaa
● Dhiiga ilma waaqayyoon warra bilisa bahan.
(Luq 4 )

18 Inni, "Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na
dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii
deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;

19 waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera" kan jedhu ture.

20 Macaafichas maree, isa mana sagadaa sana keessa ergamutti kennee taa'e; warri mana sagadaa
sana keessa turan hundinuus ija isaanii isa irratti irraanfatan.

21 Yommus Yesus, "Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har'a raawwatame"
isaaniin jechuu jalqabe.
Lubni namaa fi Waaqayyoon gidduu lixee kan nama Waaqayyotti araarsuudha. Lubni akka kakuu
moofaatti sanyii leewwotaa qofa keessaa kan argamu. Baricha keessa lubummaan qomoo qofaan
yoo ta'u inni luba barabaraa ta'e garuu qomoo Leewwotaa keessaa miti.
Akka macaafa qulqulluuttiyyuu lubni hidda leewwii keessaa hin taane luboota lamatu jiru.
A) Malkisaadeq :- luba hidda dhalootaa jechuun haadha , abbaa qomoo hin qabuu jedhama
(Ibr 7 )
------------
1 Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture; gaaf tokko
Abrahaam mootota tokko rukutee mo'atees utuu deebi'uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa
eebbise.

2 Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka
hiikaa maqaa isaatiitti. tokkoffaa "Mootii qajeelummaa ti" akkasumas Mootii Saalem, inni immoo,
"Mootii nagaa" jechuu dha.

3 Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin
qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata.
B) Yesuus:- qomoodhaan qomoo yihudaa keessaa kan argame yoo ta'u luba cubbuun irraa hin
argamnedha
Lubichi kakuu haaraa qomoo Yihudaa keessaa kan argame

(Ibr 7 )
------------
11 Ammas karaa seera lubummaa Lewwiidhaaf kennamee sana fiixaan baafachuun utuu
argameera ta'ee, inni akkuma lubummaa Aaronitti waamamee hafe, lubni biraa akkuma lubummaa
Malkiisedeqitti kaafamuun maaliif barbaachise ree? Lubummaa Lewwii irratti sabni kun seera
argate.


14 Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhalate beekamaa dha; Museen waa'ee gosa
kanaa yeroo dubbate immoo, waa'ee luba ta'uu isaanii homaa hin dubbanne.
"
Kakuu Moofaa keessatti qaamota sadan akka dibamaniif kennama. Qaamonni kun sadan
dibamuun isaanii dhugaa Kiristoos of keessaa qaba. Kiristoos inni dhufuuf jiru akka inni Luba
bara baraa yookiin immoo Hangafa lubaa tahuusaa, Raajii yeroo hundaa tahuusaafi Mootii
Moototaa tahuusaa agarsiisuufidha. Yesuus al takkaatti
#Lubummaadhaan,
#Raajummaadhaan,
#Mootummaadhaan isa dibamedha. Qaamota kana sadan qofaa isaa isa bakka bu'u inni Masihicha
ilma Waaqayyo jiraataati. Ofii isaas sagalicha Kan taheeefi isa uumama kana uumedha. Yesuus
kun Gooftaa qofaa osoo hin tahiin inni Waaqadha. Inni waan hundumaa isa uumedha. Waaqayyo
ilma isaatiin Addunyaa kana uume. Waaqayyo isa karaa hundumaan mudaa hin qabneefi isa
dibamaa kana biyya lafaaf kenne.
Lubni kun luboota kaan irraa garaa garummaa guddaan inni qabu kan armaan gadiiti.
Luba ifiisaa aarsaa godheedha.
Luboonni kaan dhiiga waan lubbuu qabuu qalanii yoo dhiyeessan Lubni kakuu haaraa garuu
dhiiga ofiisaa dhangalaaseetu nama qulleessa.

(Ibr 13 )
------------
11 Angafni lubootaa dhiiga horii aarsaaf qalamanii, aarsaa cubbuutiif gara iddoo isa hundumaa
irra caalaa qulqulluu sanatti ol in galcha; foon horii sanaa garuu iddoo buufataa keessaa gad
baafamee in gubama,

12 Yesusis akkasuma dhiiga ofii isaatiin saba qulleessuudhaaf karra mandarichaa duubatti
dhiphate.

Luba altokko aarsaa dhiheessee barabaraaf qulleessedha.


Aarsaan sababii dhiifamuu cubbuutiif luboota kaaniin dhiyaatu kan yeroof qulleessu yoo ta'u kan
inni luba kakuu haaraan dhiyaatu garuu altokko dhihaatee barabaraaf qulleessa

12 Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e.

14 Al tokkicha aarsaa dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf
akka fiixaan ba'an godheera.
Ibro 10:12,14

Luba ofiif cubbuun irraa hin argamneedha


Luboonni kaan cubbuu ofiisaaniifi kan sabichaaf dhiifama gaafachuudhaaf dhiiga qabatanii gara
iddoo aarsaatti waggaati altokko olseenu Lubni inni kakuu haaraa garuu qulqulluu mudaan irraa
hin argamne dhiiga ofiisaa dhiyeessuuf fannootti olbahe."
Angafni lubootaa garuu kophaa isaa, godicha keessaa kutaa isa gara borootti, waggaatti guyyaa
tokko duwwaa ol in gala; cubbuu inni ofii isaatii, sabni sunis utuu hin beekin hojjetaniif aarsaa
dhi'eessuudhaaf, inni dhiiga baatee ol in gala."
(Ibr 9: 7)

Luba mana harki namaa hin ijaarre keessatti luba barabaraa ta'ee tajaajiluudha
Luboonni kaan kutaa mana qulqullummaa sadan keessaa iddoo caalaa qulqullooftuutti ol seenanii
aarsaa dhiheessu. Iddoon aarsaa kun isa harki namaa ijaare yoo ta'u Lubichi inni kakuu haaraa
garuu iddoo aarsaa isa harki namaa hin ijaarre keessa buufatee jira.

" Inni godoo qulqullaa'aa sana keessatti, godoo namni dhaabe utuu hin ta'in, godicha isa dhugaa
Waaqayyo gooftaan dhaabe sana keessatti, angafa lubootaa ta'ee in hojjeta. "
(Ibr 8: 2)

..
.
.
.

You might also like