Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo PDF
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo PDF
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo PDF
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kitaaba seerluga Afaan Oromoo kan bara 1973 maxxanfamedha. Kitaaba
kana kan barreesse Dr Hayilee Fidaati yoo ta'u Paarisitti maxxanfame. Hirmaatni Dubbii Afaan Oromoo
kitaaba yeroo jalqabaaf qubee Afaan Oromootin (Laatiniin) maxxanfame yoo ta'u kunis seena hogbarruu
Oromoo keessatti kan addaa isa godha.
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo seerluga Afaan Oromoorratti xiyyeeffata. Seensa kitaaba kanaa keessa
barreeffama armaan gadiitu jira:
“Afaan Oromoo baláa dha. Afaan sooressaa dha. Garuu sabni Oromoo wal irraa fagaatee iddoo hedduutti
hiramee bara baayée gatii dabarseef, kana irrattis caaffata otuu hin qabaatin waan hafeef, har’a Oromoon
hundi yoo walii galuu danda’eyyuu, akki dubbii isaa sirriitti tokko miti…. Haráaf dafnee walii galuudhaaf yoo
nu rakkiseyyuu, bor sooruma dhuma hin qabne ta’a … Si’as hundi keenya rakkina malee walii galuu
dandeenya.”
Gadaa.com (https://www.gadaa.com) waggaa afurtammaffaa kitaabni kun itti maxxanfame barruu Hagayyaa
1, 2013 baasen kabajeera.
Wabii
40th Year Remembrance of the Publications of HIRMAATA DUBBII AFAAN OROMOO and
BARA BIRRAAN BARIHE (http://gadaa.com/oduu/21048/2013/08/01/40th-year-remembrance-
of-the-publications-of-hirmaata-dubbii-afaan-oromoo-and-bara-birraan-barihe/), dhihootti kan
baname: Adoolessa 18, 2015
Mekuria Bulcha. The Language Policies of Ethiopian Regimes and The History of Written
Afaan Oromoo: 1844-1994
Haile Fida, The Father of Qubee Afaan Oromo (http://seenaa.com/seenaa-goototaa/haile-fida/),
dhumarratti kan baname: Adoolessa 18, 2015
Barreeffamni kan argamuEyyama amala waliiqoodu wantootaa jalatti; dabalataan haala itti fayyadama hojii irra oolu
mala. Bal'inaa isaaf Haala itti fayyadama laali.